Konfiransiin hafuuraa guyyaa faasikaa sababeeffachuun qophaa’ee eebba guddaan xumurame April 06-08, 2007-Oslo
Walga’ichi kan inni jalqabe Jimaata gaaf April 6, yennaa ta’u guyyaa sanatti sagalee Waaqayyoo nuuf fiduudhaan kan nu tajaajilan lallabaa Wangeelaa Margaa Nagarii turan. Isaanis mata duree “Gatii cubbuu” jedhu irratti xiyyeeffachuun ergaa guddaa dabarsaniiru. Isaanis barsiisa isaanii keessatti ‘cubbuun’ Waaqayyo gatii guddaa; innis lubbuu ilma isaa Yeuus Kristoos akka inni baasu isa taasise jedhaniiru. Ergaa isaanii keessatti har’as taanaan Waaqayyo cubbuu wajjin kan walii hin galle ta’uu isaa ibsaniiru. Waqayyo ilma isaa dabarsee kennuudhaan cubbuu ni fooyyesse yookaan ni hanbise utuu hin ta’in cubbuu ni adabe jedhan. Hojiin fannoo irrati raawwates ilmaan namootaa humna cubbuutiin qabaman baasuu kan danda’u ta’uu isaa ibsuudhaan sagalee misiraachoo labsan. Walga’iin guyyaa lammaffaa Sanbata duraa gaafa april 07 ture. Guyyaa kana irrattis ergaa kan nuufidan L/W Margaa Nagarii turan. Guyyaa kana immoo mata-duree “Madaa isaatiin fayyifamtan” jedhu irratti barsiisa kennan. Barsiisa isaanii keessattis madaa’uun Yesuus Kristoos ilmaan namootaaf ‘fayyina guutuu/holistic healing/ akka fide dubbachuun har’as taanaan namoonni sababoota garaa garaatiin hafuurri isaanii kan dhukkubsatu, qaamni isaanii fi lubbuun isaanii kan dhukkubsatan sagalee misiracho madaa’uu Yesuus Kristoos keessa ba’u kana dhaga’uun yoo amanan luba ba’uu akka danda’an labsan. Fayyinni kunis dhimma dhuunfaa keenyaa duwwaa utuu hin ta’in kan maatii, waldaa, hawaasaa fi biyyaa ta’uu ni danda’a. Walga’iin inni guyyaa sadaffaa Sanbata guddaa gaafa april 08 2007 ture. Gyyaa kana irratti ammoo kan ergaa nuuf fidan Pastor Tsegaayesuus Hurrisaa turan. Isaanis ‘dukkanichi ni darba’ kan jedhu mata duree irratti lallaban. Lallaba isaanii keessatti dhiphinni Yesuus Kiristoos ilmaan namootaaf ifa guddaa akka baase cimsanii dubbatan. Namni sababa adda addaatiin jireenyi itti dukkanaa’u ni danda’a garuu Waaqayyo ifati nama baasuu akka danda’u sagalee misiraachoo labsuudhaan namoota rakkina adda adda qabaniif kadhata godhan. Gaafa Sanbata duraa fi sanbata guddaa irra faarfattoonni waldattii faarfannaa dhiyeessaniiru. Dhuma sagantichaa irratti amantoonni hundi walii wajjin yeroo tokkummaa godhachuudhaan irbaata waliin nyaataniiru. |