Ergaa Luba WaldaaSagalee MisiraachooWaggaa shan dura, gaaf tokko lafa hojii kootti yaadaan badee utuun jiruu miiltoon koo tokko 'ergaa nabiraa qabda' naan jedhe. 'biirookoo jiraa eger kottuu fudhu!' jedhe itti dabalee. Hangan dhaqee fudhadhutti nan jarjare,. Miiltoon koo dafee gara kutaa lafa hojii isaatti waan hindeebi'in tureef yeroo xiqqoo gidduutti isa hubachuuf si'a baay'ee deddeebi'eera. Akka nama garaan ciniinuu taa'uun dadhabe. Dhuma irratti deebi'uu isaa yemmuun dhaga'u dhugaa hin seene; utaaleen biratti lafa dha'e. 'Maal ni badde'oon' jedheen; 'Maal amman gadi ba'e mitii' naan jedhe. Isaaf yeroo gabaabduu haa fakkaatu iyyuu malee anaaf akka waan waggaa tokko taa'ee nati dheerate. Innis xalayaa guddaa tokkofuudhee natti laate. Xalyichi biyya alaatii dhufuun isaa teessoo isaa irraa qofa utuu hin ta'in bifa isaa irraa iyyuu ni beekama. Nafa harkaa fuudheen gara kutaa kootti fiigee keessaan cufadheen xalayich cire. Yeroodhuma jalqabau 'baga gammadde' jedha maqaa koo guutuutti erga caqasee booda. Dandeettii ariifadhee dubbisuu qabu hundumaatti dhimma ba'een xalayicha keessa arreede, lapheen na dhowuuf kaate, dubbiin isaa dhugaa natti fakkaachuu dide. Irra deddeebi'een dubbise, harkatti qabadheen yaadaan sussuke, olan baase, gadan guuse. Yeroo xiqqoo gidduutti biyya lafaa irran naanna'e, yaada kootiin. 'Isan gurraan dhaga'e ijaan arguufan jehaan' jedhe. Barumsa tolaa biyya alaatii argachuu koo kan natti himu ture oduun gammachiisaan sun, yaadni koo guyyaa sanaa kaasee oduu haaraa dhaga'e sanaan booji'ame. Oduu gammachiisaan abdii duwwaa utuu hin ta'in abdichaan duuba wanta jiru raawwatama kan namatti agarsiisu dha. Oduu raawwatama hin qabne yoo ta'e 'misiraachoo' hin jedhamu, 'abjuu' dha malee. Oduu gammachiisaan waan namaaf ta'e waan gaarii kan namatti himu dha. Oduu gammachiisaan (misiraachoon) kan dhimma namaaf baasu raawwata haaraa dha. Gaaf tokko akkuma kana tikfattoonni tokko hoolota isaanii eegaa bulanii obboroodhaan oduu gammachiisaa tokko dhaga'an. 'Hin sodaatinaa kunoo ani misiraacho gammachuu guddaan isinittan himaa'o kunis saba hundumaaf kan ta'u dha. (Luq.2:10). Sagalee misiraachoo kana maaltu adda godhaa? 1. Sagaleen misiraachoo kun waan hundumaa irra ni caala. Tikfattoonni kun waa'ee misiraacho sanaa homaa tokko iyyuu yaada hin qaban turan. Hojii isaanii guuyyaa-guyyaatti bobba'anii utuu jiranii waan isaan barbaachisu, kan isaaniif raawwate waan biraa tokko dhaga'an. Sagaleen misiraachoo sun waaqa irraa karaa ergamootaa itti himame. Sagalee misiraachoo ergamoonni fidan sun waan tikfattoonni sun qaban turan, beekanii fi shaakalaniin adda ture. Sababa tokko iyyuu laachuufii kan isaan hin qabne waan haaraa, hoolota isaanii illee bakkuma sanatti dhiisanii akka isaan fiiganii ilaalan kan isaan godhu oduu haaraa ture. Waan isaan dhaga'an garuu waan kana hunda illee dhaabbatanii yaaduuf yeroo isaaniif hin laanne. Barbaachisummaan dubbi isaan dhaga'anii waan isaan harkatti qaban san irra kan caalu ture. Sagaleen misiraachoo kun har'as kan dhaga'u hundumaaf akkuma kana dha. Waan nuti harka keenya keessaa qabnu kam irra iyyuu kan caalu dha. Waan sababa itti hin barbaanne, waan nuti qabna jennee itti hirkannu kam irra iyyuu kan caalu dha. Sagaleen misiraachoo kun waa'ee dhalachuu Yesuus Kristoosi dha. Yesuus Kristoos waan nuti qabna jennee yaadnu kam irra iyyuu kan nuuf caalu fayyisaa jireenya keenyaa ti. 2. Sagaleen misiraachoo sun oduu gammachiisaa nama hundumaaf ta'u ture. 'kunis saba hundumaaf kan ta'u dha.' (Luq.2:10) Hawaasa sana keessatti tiksitoonni bara sanaa iddoo guddaa hin qaban turan. Oduun gammachiisaan dhufe sun garuu isaan irraa eegale. Akka ilaalcha namaatti jalqaba himamuun kan isa irra ture qe'ee warra gurguddaa, warra akka moototaa fi aangoo qabanii biratti ture. Kun garuu fakkeenya amala jaalala Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabuu ti. Ilmaan namootaa hundinuu fuula Waaqayyoo duraa sababa cubbuu isaaniitiin badanii waan turaniif inni isaan barbaacha dhufe. Sagaleen misiraachichaa sun egaa namoota goosa hundumaaf ture: xinnaa fi guddadhaaf; iyyeessaa fi sooressaaf; gurraachaa fi adiif. Waaqayyoo sagalee misiraachoo isaa nama hudumaaf ergeera. Misiraachoon kun nama inni hin taaneef hin jiru. 'Ani baradheera, beekumsa guddaan qaba' isa jedhuu fi 'ani wallaalaa dha homaa tokko iyyuu hin beeku kan jedhuufis'; yookaan ammoo, 'Ani sooromeera horii baay'een qaba' kan jedhuu fi 'ani iyyeessa sharfee cabduu iyyuu hin qabu kan jedhuufis', oduu gammachiisaan fayyinaa waaqa irraa gadi bu'eera. 3. Sagaleen misiraachoo kun 'gammachuu guddaa dha'.'hin sodaatinaa!kunoo ani misiraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'oo' (Luq.2:10)Gammachuun hawwii fi fedhii nama hundumaa ti. Gammachuu barbaacha namni waan danda'u hundumaa ni godha. Gammachuu barbaacha namni horii isaa ni dhangalaasa, beekumsa isaa ni bobbaasa. Haa ta'u iyyuu malee gammachuu barbaacha namni yaalii inni ofii isaatiif godhatu martuu kan yeroo ti. Yaaliin sun yeroo raawwatu gammachuun isaas achumaan dhaabbata. Namoonni heduun gammachuu barbaacha laaqii keessaa ba'uu hindandeenye keessa seenaniiru, kaan immoo lubbuu isaanii iyyuu dhabaniiru; kaan maatii isaanii diiganiiru; kaan immoo soroobduu fi qalbii dhabduu ta'aniiru. Kaan immoo gammachuu kan yeroo barbaachaa jireenyaa gaabbiidhaan guute jiraachaa jiru. Gammachuu dhugaan amalli isaa inni hangafni yeroo hudaa jiraachuu isaa ti. Gammachuu akka kanaa horiidhaan bitachuun hin danda'amu. Gammachuu dhugaa namni namaaf kennuu hin danda'u. Gammachuu nuti bitannu yookaan namni nuuf kennu yoo jiraate kan yeroo qofa dha. Gammachuu dhugaan isa ergamoonni sun 'gammachuu guddaa' jedhani dha. Gammachuun akka kanaa gammachuu gar-tokkee utuu hin ta'in boqonnaa keessaa garaa namaatii fi yero huundumaa kan jiraatu dha. Gammachuu akka kanaa eessaa iyyuu argachuun hin danda'amu. Gammachuun akka kanaa kennaa dha. Gammachuun kun kan namaaf kennamu burqaa gammachuu dhugaa isa ta'e Waaayyo biraa ti. Ergamoonnis kan isaan dhageessisan misiraachoon 'gammachuu gudaa' isa kana ture. Har'as namoota gammachuu kana barbaadaniif ergaa misiraachoo kanaa karaa ilma isaa Yesuus Kristoos Waaqayyo ergeera. 4. Sagaleen misiraachoo kun nagaa namootaa ti. 'Isaan immoo Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf lafa irratti' jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan. (Luq.2:14). Jecha 'nagaa' jedhu har'a guyyaadhaa gara guyyaatti dhageenya. Nagaan biyya fi biyya, namootaa fi namoota gidduutt barbaachisummaan isaa cimsamee dubbatama. Haala akka kanaatiin nagaan yoo boora'e nagaa fi wal-dhabdee dhabamsiisuudhaaf namni gidduu seenee nagaa buusuu ni danda'a ta'a. Namni garuu jireenya isaa keessaa nagaa hin qabau yoo ta'e maal gochuu danda'a? Eenyutu mataa isaatti isa araarsuu danda'a? Namni mataa isaa illee balleessuuf kan inni murteeffatu nagaa jireenya isaa keessaa yemmuu dhabu dha. Namni jireenya isaa keessaa nagaa kan inni dhabu uumaa isaa isa ta'e Waaqayyoo wajjin hariiroo godhachuun isa irra jiraatu yemmuu dhabu dha. Keessa namaa nagaa daangaa hin qabneen guutuu kan danda'u burqaa nagaa kan ta'e Waaqayyo duwwaa dha. Sagaleen isaa waa'ee nagaa Waaqayyoo kana yemmuu dubbatu 'inni nagaa keenya..' jedha (Efe.2:14). Ergamoonni waaqarraa sunis barii sana kan isaan labsan sagalee misiraachoo nagaa jireenyaa of keessaa qabu sana ture. Har'as nagaa jireenya isaanii keessaa warra dhabaniif Yesuus Kristoos kottaa fudha jedhee hafeera. Warra isa simataniinis akkas jedha: 'Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaakoo isiniif nan kenna.' (Yoh. 16:27) Har'a jireenya keessaniif ilaalcha qabdaniin akka waan waa'ee hin baafnee kan of seetan jirtuu? Namni waa'ee keessan illee kan hin yaadne, kan of tuffatan, waa'ee keessan Waaqayyo waan yaaduuf oduu gammachisaa isiniif ergeera. Namoonni gammachuun isin irraa fagaate, gammachuu barbaacha yaalii mataa keessanii gootanii kan dadhabdan, gammachuu dhugaa isiniif kennuu kan danda'u sagalee misiraachoo Waaqayyo isiniif ergeera. Nagaan isin irraa kan godaane, jireenyi keessan boqonnaa dhabee kan dhiphattan, ergaan nagaa karaa Yesuus Kristoos isiniif ergameera. Yesuus Kristoosiin dhuunfaa fayyina isaatii godhee kan fudhate hundinuu nagaa fi gammachuu eenyu iyyuu irraa fudhachuu hin dandeenye qaba.
|